Mootummaan Fedeeraalaa Tigraayiif Bajata Waggaa Haaraa Raggaasisee Jira:Obbo Geetaachoo Raddaa

  • VOA

Miseensota Kaabinee bulchiinsa ka ce'umsaa Tigraay

Tigraay keessatti miseensonni Bulchiinsa Naannoo kan ce’uumsaa 27 kaabinee haaraa Bulchiinsa Naannichaa ta’uun ifatti aangoo fudhatanii jiru.

Kan aangoo gadhiisaa jiran Dr. Dabrs Tsiyoon Gabramikaa’eel bulchiinsa ce’uumsaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjatan ibsaniiru.Debretsion dura taa'aa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) ta'uun itti fufuu.

Gama biraatiin, Bulchaan olaanaa haaraan obbo Geetaachoo Redaa mootummaan federaalaa baajata naannoo Tigraayiif kan bara bajataa haaraa raggaasisuu beeksisaniiru.

Bulchiinsii ce’uumsaa maallaqa ibsameen hojjechuu akka danda’uu fi baajata darbe irratti marii itti fufuun akka danda’u himaniiru jechuun Muluugeetaa Atsebahaa maqalee irraa gabaasee jira.