Baqattonni Maatii Keenya Waliin Adda Cinne Jedhu

  • VOA

Internally displaced people take refuge at a temporary shelter in Debre Berhan, Ethiopia. More than 100 civilians died in a recent flare-up of violence in the town of Ataye that also saw the assailants torch more than 1,500 buildings. 

Buqqaatonni bulchiinsa naannoo Oromiyaa irraa sababaa walitti bu'iinsaa fi hookkara baqatanii ba’an namoota jaallatan kanneen dhiisanii bahaan akka dhaban dubbatu.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa Magaalaa Debra Birhan keessatti buqqaatonni gara 30, 000 ta’an iddoowwan buqqaatonni itti baay’atanii fi sadarkaa isaa gad anaa ta’an keessatti daahatanii jiru.

Abbaa ijoollee afur kan ta’an Obbo Betiye Derbe Raadiyoo Sagalee Atmerikaati akka himanitti, haadha manaa isaanii Oromoo ta’anii fi ilma isaanii dhiisanii, ijoollee isaanii sadan fi haadha ofii waliin imala guyyoota dheeraa booda lafa nagaan jiru dhaqqabuu dubbatan.

Ijoollee Haadha isaanii dhiisanii ba’anii fi mucaa achitti hafee akkoo isaa dhabe kanaatu na yaaddeessa jechuu isaanii Masfiin Arraagee gabaasee jira.