Dhalattoonni Tigiraay Qehee Isaanii Irraa Akka Buqqa'aa Jiran Gabaasame  

  • VOA

Ethiopia Tigray Forcible Displacement

Umnoonni naannoo Amaaraa namoottan dhalatootaa naannoo Tigraay ta’an kumaan lakkaawaman tibbanaa qe’ee isaanii irraa buqisuu isaanii hojjatootaa dhablee gargaarsaa waabeffachuudhaan Assoshiyeeted Pirees gabaasee jira.

Gabaasinni kun akka jedhetti buqa’insi kun kan raawwate bakkaa kaabaa lixaa Tigraayti argamuu fi umnoottan naannoo Amaaraa lafaa naannoo Amaarratti jedhanii falmii irraatti dhiheessaa jiran Maayitsamirii bakka jedhamuutti.

Qe’e off irra buqaun kun kan raawwatee ergaa waliigalteen nageenyaa taasifamee as akka ta’ee kan ibsee gabaasinni AP jalqaba ji’a Bitootessaatii kaasee namoonii kuma 47 ta’an Maaytsamirii irraa buqaanii bakka garaa kaabaatii Kiilomeetirii 55 fagaatu Indaa abbaa guunaatti godaanuu isaanii hojjattootaa gargaarsa namoomaa wabefachuudhaan gabaaseera.

Namoottan qe’ee isaanii irra buqqa’anii garra Indaa abaguunaatii godaanan mooraa Kannan duraa baqattoonni Eertiraa keessa qubatanii turan keessaa yeroodhaaf kan jiraan yemuu ta’u, moraa yemuu walawaraansaa garmalee mancaa’e sana keessatti gargaarsii namoomaa qaqqabaafii akka hin jirre ibsameera.

Jeequmsaa tibbanaa kana naannoo Amaaraa keessatti taasifamaa jiruun kan ka’ee lakoofsii buqaatotaa akka dabaluu danda’u kan ibsan dhaabileen gargaarsaa, yeroo ammaa magaalaa Maaytsemirii fi naanno sana irraa guyyaatti maatiin 150 buqa’aa jiraachuu isaanii beeksisanii jiru.