Mummittiin Ministeera Xaaliyaanii Jiyoorgiyaa Meelooniini daawwannaa Ityoophiyaa keessatti gaggeessaniin, godaansa ittisuuf yaaliin taasifamuun gargaarsa diinagdee fi leenjii akka kennamuu, waadaa galaniiru.
Meelooniin Finfinnee kan seenan Jimaata darbe yoo ta'u, dirree buufata xiyyaaraatti Mummichs Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad simatamanii jiru. Lamaan isaanii godaansa, tasgabii biyyoota gaafa Afrikaa fi tumsa dinagdee biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.
Kana malees Melooniin daawwannaa isaanii kanaan, preezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Maamuud waliinis mari’ataniiru.
Sambata darbe walga’ii biyyoota sadan gidduutti taasifameen booda, Xaaliyaan tasgabbii naannichaa mirkaneessuu fi Ityoophiyaa fi Somaaliyaa waliin tumsa diinagdee itti fufuu keessatti barbaachisummaa qabdu ibsa gaazexeessitootaaf kennaniiru. Biyyoonni naannichaa godaansa seeraan alaa gara qarqara galaanaa kibba Xaaliyaanii kibbaatti taasifamu ittisuuf gargaaruu keessatti, iddoo guddaa qabu jedhan.
Mootummaan mirga leellisuu kan Xaaliyaanii Kibxata darbe labsii yeroo hatattamaa biyyoolessaa ji’a jahaaf labsuun, godaantotni handaara galaana gama kibba biyyattii galan baay’achaa dhufe akka dandamatu gargaareera.
Jalqaba bara kanaa irraa eegalee godaantonni gara 31,000 ta’an, yookaan bidiruu waraanaa Xaaliyaaniitiin yookaan dooniiwwan tola ooltummaatiin baraaramaniiru ykn gargaarsa malee Xaaliyaanii gahan, doonii irraa bu’aniiru jedha Ministeera Biyya Keessaa kan xaaliyaanii. Kunis waggoota lamaan darban tokkoon tokkoon isaanii keessatti, yeroo walfakkaataatti tilmaamaan 8,000 kan ture gara dachaa afuriitti guddachuu isaas ibsee jira.