Baqattonni Oromoo Magaalaa Kaartuum Keessa Jiran Maal Jedhu?

  • Jaallannee Gammadaa

Your browser doesn’t support HTML5

Magaalaa Kaartuum keessatti sambata dabree kaasee guyyaa Afuriif har'aas sagalee xayyaara waraanaa fi dhukaasa meeshaa farra xayyaaraa dhaga’uu isaanii jiraattonni dubbatu. Baqattoota Oromoo Kaartuum keessa jiran Wiixata kaleessaa haala keessa jiran akkas jechuun ibsanii jiru.

Karaa biraatin hoogganoonni humnoota Sudaan wal-waraanaa jiranii guyyaa tokkoof lola dhaabuuf waliigalanii jiran. Televiiziyoonni Al Arabiyaa jedhanu, miseensa gumii waraanaa mootummaa Sudaan Jeneraal Shams El Din Kabbashi maqaa dhahuudhaan, waraanni isaanii lola dhaabinsa har’a galgala sa’atii biyyattiitti 12 irraa jalqabee sa’atii 24 turu kabajuuf akka waliigale dubbatan, jedhee jira. Ka faallaa isaanii tahe hoogganaan garee humna addaa RSF jedhamuu, Jeneraal Mohammed Hamdaan Dagaaloo gama isaaniin lola-dhaabinsicha guyyaa tokkoo kabajuuf waliigaluu isaanii fuula Twitarii isaanii irratti beeksisanii jiran.

Haala wal-waraansa Sudaan keessaa kanaa fi rakkoo jiraattonnii fi baqattoonni itti jiran ilaachisee, Jaallanneen Baqattoota Oromoo Kaartum jiraatan lama Wixata kaleessaa galgala dubbistee jirti.