Lakkoobsi Godaantota Karaa Tunisiyaa Gama Awurooppaatti Ce'uuf Yaalanii Dabalaa Deemuun Himame  

  • VOA

Koolu galtoota Afriikaa

Lakkoofsii lammiilee Afrikaa karaa biyyaa Tunisiyaatin garaa Awurooppaatti godaanaa jiranii dabalaa adeemaa jira. Too’annoon daangaa galaana Tunisiyaa irratti taasifamus cimee itti fufee jira.

Akka maddi oduu Asooshiyeetid prees gabaseetti, jioottan jalqabaa sadan baraa kanaa keessaatti buufataa doonii baha tunisiyaa keessatti argamuuf Siifaaks jedhamee beekamuutti godaantonni kuma 13 ta’an bidiruu ittiin imaaluuf jedhan irraa akka bu’an taasifameera.

Akka waardiyaan biyyaalessaa Tunisiyaa jedhetti ji’a bitootessaa keessa guyyaa tokkotti godaantonni 2,900 akka hindeemne taasifamera. Lakkoofsii kun immoo akkataa baayidhina isaatti isa jalqabaati.

dhaabataa mootumoota gamtoomanitti jaarmiyaan dhimma godaantotaa irratti hojjatu IOM gamma isaatiin akka jedhetti, baraa darbee 2022 keessaa godaantonni 189,620 karaa Tuniisiyaatiin galaanaa qaxaamuuruun garaa Awurooppaatti cee’uuf kan yaalaan yemmuu ta’u, kunisi isaa barra 2016 galmaa’e 400,000ti anee lakkoofsaa guddaa galmaa’e akka ta’e beekameera.

Imalaa seeraan alla bidiruuwwan namoottan fe’uu hin malleen taasifaan Kanaan barana qofa godaantonni 800 lubbuu isanii daabuun isaanii beekameeraa. Isaan keessaa namoottan 300 kan galaana irratti du’an guyyoottan 10 gidduutti.

Amma wixataa dheengadaatti godaantotaa lubbuudhaan biyyaa Ixaaliyaa seenaan 36,610 keessaa 2,882 lammiiwaan Tuunisiyaa akka ta’an gabaasinii Asooshiyyetid prees ibseera