Mallaqa Gara Itoophiyaaa Ergamu Keessaa Dhibbeentan 78 Karaa Seeraan Ala Ergama: Qorannoo

  • VOA

Ethiopia map

Itoophiyaan sababa maallaqaa seeraan alaatiin oggaa oggaan doolaari biiliyoona 3.3 akka dhabdu qorannoon daddabarsa faaynaansii seeraan alaa irratti dhiheenya godhame agarsiisuun ibsame. Qorannoon Mana Maree Daldalaa Finfinneetiin dhiyaate kun maallaqa ergamuu fi kaffalamuu keessaa dhibbeentaan 78 karaa seeran alaati jedha. Kunis sharafni jijjirra mallaqaa seeran alaa fooyya’aa waan ta'eef, diyaaspooraan Itoophiyaa isa fayyadamuu waan filatuuf ta’uutu himame

Karaa biraatiin biyyattiin yeroo ammaa liqii argachuu akkasumas liqaii tanaan dura irra jiru akka haaratti galmeessuurratti Fundi Iaallaqaa idil-addunyaa(IMF) fi Baankii Addunyaa wajjin mari’achaa jirti.