Agarsiisni Faashinii Saambee Magaalaa Mattuutti Geggeessame

Your browser doesn’t support HTML5

Agarsiisni Faashinii Saambee Magaalaa Mattuutti Geggeessame

Agarsiisni Faashinii Saambee kaleessa, Godina Ilu Abbaa Boor magaalaa Mattuutti gaggeeffamee jira. Agarsiisa kana kan qopheessite shamarree Hanaan Seefuu, Agarsiisichi Lolaa fi Injifannoo Saambee yaadachuu fi akkasumas beeksisuuf yaadamee ka qopheessame ta'uu VOA’f himte.

Dargaggoo Naasroobii Xilaahun kan agarsiisa kanarratti hirmaate ammoo ammallee dargaggoonni Seenaa Saambee ifatti mul’isuuf, gama aartii fi barreeffama adda addaan daran hojjechuu qabuu jedhee jira.