Raashiyaa fi Yukireen Marii Gaggeesuuf Tole Jedhan: Prez. Raamaafosaa

  • VOA

Fayilii:- Prezidaantii Afriikaa kibaa Siril Ramaafoosaa

Raashiyaa fi Yukireen garee hoggantoota Afrikaa waliin wal arguun, karoora nagaa waldhabdee kanaaf ta’uu danda’u irratti mari’achuuf tole jechuu isaanii, Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa Kibxata kaleessaa ibsanii jiru.

Hoggantoonni lamaan ani carraa argadhee bilbilaan itti dubbadhe Pirezidaantii Puutiin fi Pirezidaantii Zelenskiy, ergama hoggantoota biyyoota Afrikaa Moskoo fi Kiivf qaban fudhachuuf fedhii akka qaban waliigalaniiru.

Bal’inni karoora kanaa ifatti hin ibsamne. Garuu ejjennoon Yukireen waliigaltee nagaa kamiifuu fedhii akka qabdu ibsitee, loltoonni Raashiyaa hundi kutaalee ishee keessaa akka ba’an ejjennaa qabdi.

Raamaafoosaan akka jedhanti, hoggantoonni Zaambiyaa, Senegaal, Rippabiliika Koongoo, Uugaandaa fi Masrii ergama kana irratti nu waliin ta’uuf karoorfatanii jiru. Garu, Yeroo kam akka gaggeeffamuu fi maal irratti akka dubbatamuu irratti ibsi bal’aan hin kennamne.