Booranatti Rakkoo Hongeen Fideen Barattoota Barnoota Addaan Kutan Keessaa Garii Ammallee Itti Hin Deebine Jedhame  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Hoongee ganna sadiif tureen Booranatti barattoonni barnoota adda kutan kuma lamaa fi dhibba saddeetii ol ta’an ammaa barnootatti akka hin deebine Waajjirri Barnootaa Godina Booranaa beeksisee jira. Obbo Tesfaayee Welde Mikaa’el VOA’f yoo himan ji’oottan darban yoo gogiinsi hammaate barattoonni Kuma torba ta’an barnoota adda kutuu eeranii isaan keessaa gara kuma afurii kan ta’a tumsa gargaarsa booranaaf taasifame booda barnootatti deebi’anus

ammaa kan kuma lamaa fi dhibba saddeetii ol ta’an barnoota adda kutanii jiraachuu ibsani. Barattoonni Godinichaa kan kutaa 12 baratan qormaata biyyaalessaa baranaaf qophaawuurratti hoongeen kun dhiibbaa akka isaan irraan gahaa jiru dubbatu.