Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Ispeen Kubbaan Miillaa Biyyattii Keessa Rakkoon Loogii Sanyii Akka Jiru Dubbatan  

  • VOA

Taphataan deeggartootan arrabsame, Vinishiyees, yeroo gara isaanii garagaree waa jedhuun, Ispeen, Camsaa 21, 2023.

Taphataa garee Riyaal Maadiriid kan lammii biyya Biraazil ta'e Vinishiyees Juuniyar irratti arrabsoon sanyummaa raawwatamuu isaa gareen kubbaa miilaa Riil Madriid eega himatee booda, wiixata harraa Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miillaa Ispeen, Luuyis Rubiyaales, kubbaan millaa Ispeen rakkoo sanyummaa qaba jedhan. "Gareen Laaligaa dhiibbaa sanyummaa akkasii guddaa jala jira," kan jedhan pirezdaantichi, kun rakkoo kaleessa qofa mudate osoo hin taane rakkoo akka biyyaatti kilabii hundaa keessa jiru ta'uu ibsaniiru.

Poolisiin Ispeen arrabsoo Sanyummaan taphataa Vaanishiyaas irratti raawwate jedhameef qorannoo jalqabuu isaa beeksiseera.