Waa’ee Diiginsa Ijaarsaalee Seeraa Ala Jedhamaniirratti Himannaalee Dhihaatan ilaalchisee, Deebii Buchiinsa Magaala Shaggar

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbanni Abbagaar Ummataa "ijaarsa seeraan alaa" magaalaa Shaggar keessatti gaggeeffamaa jiruun walqabatee komiin kuma dhibba tokkoo akka isa qaqqabe beeksise.

Bulchiinsi magaalaa Shaggar ammoo ijaarsa seeraan alaa diigaa akka jiru ibsee komiin eerame akka isa hin qaqqabiinetti dubbate. Daarektarri Olaanaa Abbagaar ummataa Doktar Indaalee Haayilee bara baajataa 2014tti komii dhiittaa mirgaa ka haala bulchiinsa gaarii waliin wal-qabatu kuma 133 ol akka isaan qaqqabe ibsaniiru.

Sadarkaa itti aanaa kantibaatti qindeessan kilaastera hawaasummaa fi bulchiinsaa magaalaa Shaggar obbo Gugsaa Dajanee gama kaaniin sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti komiin dhaabbanni Abbagaar ummataa irraa na qaqqabe jedhu dhugaa lafa irra jiruun faallaa dha jedhan.