Dhaabbati Tokkummaa Afriikaa Kan Itti Hundeeffame Waggaa 60ffan Har’a Kabajame

  • VOA

Asxaa Gamtaa Afrikaa dallaa waajjiraa muummee Finfinnee irraa, Sadaasa 8, 2021

Bara 1963 guyyaa guyyaa ture, Hoggantoonni Biyyoota Afrikaa walaba 32 ta’an hoggantoota sochii bilisummaa Afrikaa waliin Finfinnee keessatti walga’an, dhaabbata ardii Afrikaa walabummaa boodaa isa jalqabaa, Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (OAU) hundeessan.

Dhaabbanni ardiittii kun Kamisa har’aa hundeeffama waggaa 60ffaa Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa fi kan isa bakka bu’e Gamtaa Afrikaa waajjira haadhoo Finfinnee jiru-tti kabajaa jira.

Kabajni waggaa 60ffaa kun ga'ee fi gumaacha bu’uursitoonni jaarmiyaa ardii kanaa fi lammiilee Afrikaa biyyootii alaa keessa jiran kanneen bilisummaa siyaasaa ardiittii akkasumas qixxummaa bilisa bahuu hawaasummaa fi dinagdee Afrikaaf gumaachaniif beekkannaa kennuuf carraa dha jechuun gamtaan Afriikaa ibsa baaseen beeksiseera.