Shakkamaan Fixiinsa Ruwaandaa To'annaa Jala Oole

  • VOA

Shakkamaa fixiinsa Ruwaandaa Fuljeens Kayiesheemaa

Shakkamaan fixiinsa sanyii Ruwaandaa Fuljeens Kayisheemaa Roobii kaleessaa Afrikaa Kibbaatti to’annoo jala ooluu manni murtii Tokkummaa Mootummootaa kan dhimma yakka waraanaa Ruwaandaa Kamisa har’aa ibsee jira.

Kayisheemaan bara 1994 Ruwaandaa keessatti fixiinsa sanyii raawwatameen baqattoota Tutsii tilmaamaan 2,000 Waldaa Kaatolikii Nyaangee keessatti ajjeefamaman adda durummaan akka qindeesse Manni murtichaa ) ibseera. Erga bara 2001 irraa eegalee barbaadamaa ture.

Fulejens Kayiisheemaa waggoota digdamaa oliif baqataa ture. Hidhamuun isaa dhumarratti yakka raawwate jedhameef murtiin haqaa akka argamu mirkaneessa," jechuu dhaan abbaan alangaa Sergee Brameeretz ibsaniiru.

Kayishema bara 2001tti Mana Murtii Yakka waraanaa Ruwaandaaf tolfame kan Tokkummaa mootummootaan kan himatame yoo ta’u, Yakkaawwan fixiinsa sanyii fi yakka farra namoomaatiin himatame.