Rooba Dhiheenya Roobeen Bineensotni  Paarkii Booranaa Keessaa Jiran Baraaramuun Himame 

Your browser doesn’t support HTML5

Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa erga roobi roobee as dandamataa akka jiru, angawootni paarkichaa dubbatanii jiran. Dargaggoo Jaarsoo Dheengee daawwachiisaan paarkichaa, duraan bineensonni paarkichaa sababa hoongee du’aa akka turan eeree amma margi lalise bineensota paarkicha qofaa keessatti argaman lubbuu oolcheera jedhan.

Dargaggoo jaarsoon ammas paarkichi rakkina bu’uraalee misoomaa akka qabu himee mootummaa fi qaami dhimmi ilaallatu akka furmaata barbaadu gaafatee jira. Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa hanqina bu’ura misoomaa kanaaf fala akka dhahaa jiru dubbata.