Antonii Bilinken Itti-Aanaa Muummee Ministaraa Itiyoophiyaa Wajjiin Walga'an

  • VOA

FAAYILII - Ministira Haajaa alaa Yuunaayiitid Isteetsi Antoonii Biliinke Itti-Aanaa Muummee Ministaraa Itiyoophiyaa Wajjiin, Finfinnee, Itiyoophiyaa, Bitootessa 15, 2023.

Ministira Haajaa alaa Yuunaayiitid Isteetsi Antoonii Biliinkeen gita isaanii Ministira Hajaa alaa Itiyoophiyaa obbo Demmeqee Mokonnin Saa’ud Arabiyaatti dhimmoota Itiyoophiyaa keessaa irratti marii taasisaniiru.

Mnistirri Hajaa Alaa Yunaayitid Isteetis haala biyyoonni ISIS balleessuu irratti waloon hojjechuuf kan jedhurratti yaa’iif Saa’ud Arabiyaa Rihaadiitti kan argaman addatti Minisitira Haajaa alaa fi Itti aanaa muummee ministiraa Itiyoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokoniin waliin marii’ataniiru.

Marii Isaanii kanarratti hojiirra oolmaa walii galtee waraana kaaba itiyoophiyaa dhaabuu dubbataniiru. Biliinkeen Mootummaan Itiyoophiyaa qorannoo warra midhaan nyaataa bifa gargaarsaan ergame waan hin maleef oolchan irratti taasifamu gargaaruu dinqisiifatanii qorannichaan boodas itti gaafatummaan akka jiraatu jedhaniiru.

Antoonii Biliinkeenii fi Demmeqee Mokoniin dhimmoota mirga namoomaa Lixa Tigiraay dabalatee deemsa cee’umsa haqaa hojiirra jiruu fi dhimmoota jeequmsoota naannoo Amaraa keessaa fi kan Oromiyaa keessaa akkatti furuun danda’amurratti marii’ataniiru.