Waa’ee Diiggaa Manneen Shaggar Keessaa Abbootiin Manneenii  fi Mootummaan Yaada Adda Addaa Kennan

Your browser doesn’t support HTML5

Bulchiinsa Magaalaa Shaaggar Naannoo Oromiyaatti akka haaraatti hundeeffame keessatti mootummaan manneen seeraan ala ijaaramanii fi lafoota seeraan ala qabamanii jiran, jedhe eega diiguu jalqabee bubbuleera.

Namoota dhuunfaa dabalatee dhaabbileen amantaa bulchiinsa magaalichaatiin manneen isaanii fi bakki waaqeffannaa isaanii akka jalaa diigame himatan garuu mirgi namoomaa keenya dhiibameera, jechuun komatan. Komee namoonni kaasan irratti hundaa’uun, Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggaritti, itti gaafatamaa dhimma bulchiisaa fi tajaajilaa – Obbo Gugsaa Dajanee dubbisne.