Naannoo Gambeelaatti Hoogganaan Poolsii Aanaa Goodaree Hidhattootaa Hin beekamneen Ajjeesame

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, naannoo Gaambeellaa keessatti hidhattootni kaleessa ajajaa poolisii aanaa Goodaree, ka godinaa Maajaang ajjeesuun poolisii biraa tokko madeessuu isaanii mootummaan Naannoo Gaambellaa beeksise jira.

Hoogganaan itti-aanaan Naannoo Gaambellaa Utoow Ukoot, " Eenyummaan hidhattoota haleellaa kana raawwatanii haga ammaatti hin beekamne, mootummaan hordoffaa jira" jechuun Sagalee Ameerikaatti himan. Naakoor Malkaa dabalata qaba.