Walwaransii hamaan gareewwan Sudaan gidduutti taasifamaa jiru wixata kaleessaa magaala guddaa biyyatti kaartuum keessatti itti fufee oluun isaa beekamee jiar. Wal waraansichii magaala guddichaa biyyaatti garaa dirree waraanaatti jijiruun isaa ibsameera.
Jimaata dheengaddaa gareewwan lamman waligalteen Sa’atii 24 fi dhukaasaa dhaabuu ergaa taasisanii booda waligaltichii dilbata ganamaa raawwatee, wal waraansa itti fufe kun erga jalqabamee ji’a lama keessaatti namoonni 860 du’aa isaanii akka mirkaneeffatee gareen haakimoota Sudaan kan ibse yemmuu ta’u ,lakkoofsii namoottan du’an Sanaa ol ta’uu isaa akka beeksise maddi oduu Rooyiters ibseera.
Saamichii baldhina qabuu fi hookkorri saalaa dubartootaa fi ijoolleewwan durbaa Kaartuumii fi kutaa Daarfuur lixaa keessa jiran irraatti raawatamaa jiraachuun isaa gabaasameeraa.
Akka gabaasaaleen jedhanutti himannaan dirqiidhaan gudeeddi caalaan isaa kan dhihachaa jiruu garee waraana umna dafee qaqqabaa isa Mohaamad Hamdaan Dagaalootiin hoganamuutiin akka ta’e beekamee jiraa. Gareen kun dhimma kana irratti irra dedebidhaan gaafatamus akka deebii hin kennine gabaasini Rooyiters ibseera .
Kun ittu Kanaan jiruu, barreessaan muumee mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees, dhimma sudaan irraatti kaleessa ibsa kennaniin, gargaarsi namoomaa dhaabbataa mootumootaa jalatti tasifamuu baldhinaan kan itti fufe ta’uu isaa ibsanii, biyyatti keessaatti fala nageenyaa waara qabeessa ta’e argamsiisuu irraatti falli Afrikaa barbaachisaa akka ta’e eeraniiru. Kanaafuu dhaabanii mootummoota gamtoomanii yaalii nagaa buusuu gamtaa Afrikaa fi IGAD akka deggeru ibsaniiru Guterees.
Mootummaan Sudaan waxabajjii 9 bara 2023 ibsa baaseen biyyatti keessaatti jiila addaa mootummoota gamtoomanii Vooker Pertiz akka biyyatti hin seenne eraga beeksisee boodaa, itti aantuun isaanii Kilementaayin Nkiweeta-salaamii hojii gargaarsaa namoomaa Sudaan keessatti akka qindeesaa jiran beekameera.