Hojiiwwan Artii Holqawwan Oromiyaa Keessaa Seenaa Waggoota Kuma Toorbaa Olii Qabaachuu Akka Malan Himame  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoon Oromiyaa kan holqawwan qorataman 320 ol qabu faayaa fi fakkiiwwan holqa keessaatiinis adda duree akka taate Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksisee jira. Dargaggoo Naasir Ahmed, qorataan holqaa VOA’f akka himetti, holqawwan Oromiyaa keessaa haga yoonaa qorataman keesaa 127 fakkiiwwan fi bobbocawwan adda addaa kan qaban ta’uu himee, fakkiiwwan kunis Dhaloota Kiristoos dura haga waggaa kuma shanii kan turan, jechuunis walumaa-galatti umurii waggoota kuma toorbaa ka qaban ta’uu qorannoon mirkaneessinee jirra jedha.

Naasir Holqa Soof Umar irrattis qorannoo addaa taasisee kitaaba maxxansuuf akka jiru dubbata.