Wal Waaraansa Sudaan keessatti Ji’ootaa lamaaf deemaa jiruun lakkoofsi naoota nagaa qe’ee isaaniirraa buqqa’annii yeroo yerootti dabaluun Miiliyoona lamaa ol ta’a jedhe dhaabbanni mootummoota gamtoomanii.
Wal waraansi Sudaan keessaa ji’oota lamaaffaa isaa lakkoofsiise namoota Miiliyoona lama ol qe’ee isaaniirraa buqqiseera. Gabaasa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Roobii kaleessaa qabatee ba’een immoo haalli Daarfuur keessatti taasifamaa jiru yakka mirga namoomaa agarsiisa jedhe.
Wal waraansa Sudaan keessatti humnoota waraanaa biyyattii lamaan gidduutti taasifamaa jiruun hanga waxabajjii 12, 2023 darbeetti lubbuun namoota nagaa 959 yommuu darbu fi kanneen 4750 ta’animmoo madaa’aniiru. Kunis wal waraansichi magaalaa guddittii biyyattii Kaahaartuum dabalatee magaaloota biyyattii hedduu keessatti kan taasifamaa jiru ta’uu isaatiinidha.
Haala wal waraansa amma Sudaan keessatti deemaa jiruun kanneen baay’inni isaanii miiliyoona 1.6 ol ta’an qe’ee isaanii gadhiisanii godaanuuf dirqamaniiru. Akka gabaasa jaarmiyaa dhimma godaantoota Idil- addunyaa tti namoonni nagaa 530,000 ta’an waraana Sudaan keessaa baqachuun biyyoota ollaa kanneen akka Masirii, Sudaan Kibbaa, Chaad, Waaltaa Rippaabulika Afrikaa , Itiyoophiyaa fi Liibiyaatti godaanaiiniru jedhe.
Wal waraansichi ammayyuu itti fufee jiraachuu isaatiin haalli magaalaa Gineenaa, lixa Daarfuur keesssa jiru hedduu hammaataa ta’uu gareen ogeessoota fayyaa Sudaan himaniiru. Kunis namoonni baay’een madaa’uu fi Hospitaalli magaalittii keessa jiru yerooma wal waraansaa kanaatti halleellaan irratti raawwatamuun hojiin ala ta’eera jedhan.
Sudaanitti ergamaan addaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Voolkeer Peerteez Kibxata darbe akka dubbatanitti haalli Sudaan Daarfuur keessatti mul’achaa jiru duguuggaa Sanyii akeeka jedhanii kunis Milishoonni Arabiyaa fi kanneen uffata Dambii loltoota humna Addaa kan Mohaammad Hamdaan Dagaloon hoogganamu uffatan namoota nagaa magalaa Gineenaa keessaa irratti ajjeechaa raawwachaa jiru jedhan.