Baqattoonni Somaaliyaa Keessaa Waraqaa Eenyummaa Argachuuf Mooraa Dadaabitti Yaa’aa Jiran

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Baqattoonnii lammilee Somaaliyaa Keeniyaa keessa jiran waraqaa eenyummaa baqattummaa isaanii mul’isu argachuuf jecha gara Buufata Baqattootaa Dadaabitti imalaa jiru.

Erga Waraqaa eenyummaa kana argatanii booda baqatummaan galmaa’anii, gara biyyoota addunyaa Lixaa fi Yuunayiitid Isteetis deemanii qubachiifamuu fi jireenya haaraa jalqabuuf abdii qaban – baqattoonni kun.