Hirrina Gargaarsa fi Jijjiirama Qilleensaa; Dhimmoota Rakkoo Baqattoota Sudaan Kibbaa Ugaandaa Keessa Jiranii Hammeessan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunya jedhutti gargaarsi midhaanii baqattoota buufata Ugaandaa keessa jiraniif taasifamu jalqaba Adoolessa dhufurraa kaasee ni dhaabbata. Buufata baqattootaa akka Afrikaatti guddaa ta’e kana yeroo ammaa haalli Jijjiirama qilleensaa rakkisaa jiru kanatti gargaarsa midhaan nyaataa irraa dhaabuun rakkoo caalaaf isaan saaxiluu malaan sodaa guddaa uumeera. Sagantaan Nyaata Addunyaa gama isaatiin gargaarsa kana addaan kutuun kan filannoo hin qabne jedhee garuu warra baay’ee miidhaman duwwaaf gargaarsi dhaqqaba jedhe. Gabaasaa Haliimaa Attumaanii Yuugandaa buufata baqqattootaa Palooriniyaarraa ergite Mitikkuu Fiqaaduu dhiyyeessa.