Itiyoophiyaa Keessatti Qaala'insi Jireenyaa Kanneen Galii Xiqaa fi Giddu Galeessaa Qaban Miidhaa Jira

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa Keessatti Qaala’insi jireenyaa yeroodhaa yerootti dabalaa jiraachuu jiraattoonni himatu. Kanneen Yaada isaanii Sagalee Ameerikaaf qoodan akka ibsanitti namoota galii xixiqqaa qaban qofaa hin taane kanneen galii gidduu galeessaa qabanillee qaala’insa kanaan miidhamaa jiraachuu himu.

Ogeesi diinagdee dhimma kanarratti dubbisne Doktor Sooressaa Tolchaa Waraanni Kaaba biyyattii keessa turee fi tasgabbii dhabuun ammallee biyyattii keessa jiru qaala’insa jireenyaa amma mul’achaa jiruuf qooda guddaa qaba jedhu.