Hoggantoonni Biyyoota Ollaa Sudaan Lolli Akka Dhaabbatu Waamicha Dhiheesan

  • VOA

EGYPT-SUDAN-ARAB-AU-POLTIICS-DIPLOMACY-SUMMIT

Waa’ee walwaraansaa Sudaan keessaatii adeemaa jiruu irraatii magaalaa Kaayorooti walgahii kan taa’an hoggantoonnii biyyoottan olla Sudaan lolli akka dhaabatuu waamichaa dhiheesanii jiru.

Yemmuu Kayiroon walga’i wa’ee Sudaan keessumeessaa jirtutti, lollii qawwee, dhodhoohinsii fi sagaleen xiyyaarota waraanaa magaalaa Kaartuum roqomsiisaa akka ture kan ibsee gabaasini madda Oduu AFP, Hoggantoonni Masri, Ityoophiyaa, Eritiraa , Chaad, Sudaan kibbaa, Rippaabilookii walakeesaa Afrikaa fi Liibiyaa, akkasumas bakka buutonnii gamtaa Afrikaa fi liigii Arabaa waa’ee walwaransichaa fi dhiibbaa inni biyyoottan naannoo irratti qabuu ilaalchisee maryachuu isaanii gabaaseera.

Walga’ichii gareewwan Sudaan lammanuu gargaarsaa namoomaa barbaachisaa ta’eef akka daandii saaqanuu kan gaafatan yemuu ta’u, prezidaantiin Masir Abdul Fattah Al sisii biyyoottan olla Sudanna namootan walwaraansaa jalaa baqataniif simannaaf kunuunsa taasisaniif galateeffatanii, hawaasini adduunyaa lammiiwwan Sudaan gargaaruudhaaf waadaa seene akka ojii irra oolchuu gaafataniiru.

Prezidaantin Chaad Jeneraal Mahaamat Idiris Deebii biyyii isaanii torban tokko keessatti lammiilee Sudaan qe’ee isaanii gad lakkisani baqatan kuma 100 fi kuma 50 akka simatte walga’i kana irratti ibsaniiru.

Walga’ii kana irratti kan hirmaatan Prezidaantiin Reppaabiliki walakeessaa Afrikaa, Faa’ustiin Archaangee To’udeeraa waa’ee meeshaalee waraanaa daangaa biyyaa isaan qaxxaamuruudhaan gara sudaanitti ce’aa jiru kaasuudhaan akeekkachiisa laachun isaani gabaasameera.

Muummichi ministeeraa Ityoophiyaa Abiy Ahimed gama isaanitin, akkaataa yaalii gareen biyyoottan bahaa Afrikaa/ IGAD taasisaa jiruun dhiibbaan Dipilomaasii akka itti fufu yemuu gaafatan , dura taa’an Komishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mohaamat ittu harki umnoottan alaa keessa hin seeniin rakkina Sudaaniif falli Siyaasaa barbaadamuu akka qabuu hubachiisuun isaanii gabaasameera.

Walga’i IGAD wixata dheengaddaa Finfinnee keessatti taasise irratti, kan hin hirmaanne gareen waraana Sudaan prezidaantiin biyya walga’ichaa hoggantuu kan keeniyaa garee umna dafee qaqqabaa deggeru jechuudhaan himannaa dhiheesuun isaa ni yaadatama.