Paartiin Mormituu Zimbaabuwee Poolisiin Duula Na Filadhaa Nu Dhorke, Jechuun Komataa Jiran  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Zimbaabuwweetti Paartiin Siyaasaa mormituu Gamtaa Jijjiirama Uuummataaf jedhamuun beekamu filannoo biyyaaleessaa Zimbaabuwwee keessatti ji’a dhufu taasifamuuf jiruuf Poolisiin duula na filadhaa gaggeessuu waan nu dhorkeef manaa manatti deemnee duula gaggeessuuf dirqamneerraa jedhan.

Poolisiin biyyattii gama isaatiin paartii biyya bulchu dabalatee paartileen siyaasaa baay’een hiriira ba’uu gaafataniiru garuu dhorkineerra jedhe. Koloombos Mavhungaa gabaasa Zimbaabuwwee Harareerraa qindeesse hiikneerra.