Keeniyaa Keessatti Walabummaa Amantii fi Jireenya Lubbuu Amantootaa Eeguun Haala Itti Danda’amurratti Wal-falmiin Ka’ee Jira

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Hooggantoonni Keeniyaa kan Mombaasaa gama Bahaa reeffa namoota 400 olii boolla gadi fagoo keessaa qotanii baasaanii jiru. Du’a namoota kanaaf sababaan hoogganaan amantaa jarreen hordofanii hordooftoota isaatiin hamma of balleesanitti akka nyaata lagatan barsiisa kennerraa ka’uun nyaata of laguu isaaniitiin akka tahe tu himame.

Yeroo ammaa hoogganaan amantaa kun hidhamee himatamuun mana murtiitti dhiyyaateera. Garuu walabummaa amantaa fi lubbuu waaqeffattootaa akkamiin eeguun danda’ama, gaaffiin jedhu wal-falmii uumee jira.