Deggertoota Saba Amaaraatiin Kaleessa Hiriirri Mormii Waashingtan Diisii Keessatti Geggeessame

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Saba Amaaraa irratti miidhaan eenyumaa irratti hundaa’e waggoottan heduudhaaf qaqqabeeraa kan jedhan lammiileen dhalattootaa Itiyoophiyaa kamisa kaleessaa as magaala waashingtoon Diisii fuulee Ministira dhimmaa alaa mootummaa Yunaayitid Isteetistti hiriira bahaniru.

Balaan jiraachuufi jiraachuu dhabuu yeroo ammaa saba Amaaraa dura dhaabatee jira kan jedhan qindeesitoonni hiriira kanaa, yeroo ammaa Naannoo Amaaraa keessatti garee hidhatee mootummaadhaa wajjin wal falmaa jiru fi “ Faannoo” jedhamee beekamu akka deggeran ibsanii jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa garee hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho’aa jiru kana “ hoomaa Finxaaleyyitootaa fi saamtotaa” jedhee maqaa itti baasuus, hirmaattonni hiriiraa Waashingtoon garuu, jechichii garee mirgaa saba Amaaraatiif lolufi maqaa biraa kenuudhaan ummatootaa Itiyoophiyaa biro wajjin waldhabsiisuudhaaf waan yaalamaa jiruudhaa jechuudhaan akka morman beekameera.

Hiriira kana irratti kan hirmaatan miseesii koree adda biyyaalesaa Amaraa kan idilee Aduunyaa Ermiyaas Shibeshii akka sagalee Amerikaatti himanitti, faayidaan hiriirichaa mootummaa Itiyoophiyaa balaaleffachuudhaa fi wareen Adda Saba Amaaraa degeruudhaan allatti Yunaayitid Isteets dhiibbawwan eenyumaa irratti hundaa’udhaan taasifamaa jiran dhaabsisuudhaaf dirqama idilee Adduunyaatti qabdu akka raawatuu gaafachuudhaaf akka ta’e ibsanii jiru.

Hiriirri mormii kun magaalotaa Amerikaa fi Awurooppaa keessatti akka itti fufu qindeesitoonni hiriirichaa ibsuu isaanii hiriirichaa irratti kan argame gabaasaan VOA Habtaamuu Siyyum gabaasa isaa keessatti ereera.