Embaasiin Ameerikaa Kan Finfinnee Buufati Yunaayitid Isteetis Kan Maqalee Deebi’ee Banamuu Beeksise

  • VOA

Embaasiin Yunaayitid Isteetis kan Finfinnee keessaa buufati Ameerikaa kan Maqalee keessaa kan “American corner” jedhamu kan naannoo Tigraay keessaa walitti bu’iinsa kaaba Itiyoophiyaa booda erga cufamee waggaa sadii booda Roobii har’aa sirnaan banuu isaa beeksisee jira.

Jarmayaa misooma sadarkaa addunyaa ka Yunaayitid Isteetis USAID-tti daayiriktera damee Itiyooophiyaa haaraa kan ta’an Iskoot Hoklaander akka jedhanitti, buufati kun cicha Yunaayitid Isteetis dargaggoota Itiyoophiyaaf qabdu gama carraa dinagdee fi barnootaan isaan gargaaruu akkasumas gama yaada wal jijjiiruuf yaada marii irratti fuuleffateef cicha isheen qabdu jedhan.

Embaasiin Yunaayitid Isteetis kan Finfinnee keessaa yeroo ammaa buufati Ameerikaa Finfinnee, Baahir Daar, Jimmaa, Dirree Dhawaa fi Maqalee keessaa qaba.

Dhaabolii Tigraay Irraa Uggurri Kaa’ame Ture Kaafamuun Ibsameera

Waldaan gargaarsa hawaasa Tigraay hojii bulchiinsaa fi eeyama isaa kan boordii yeroof dhaabatee fi kan mana murtii ol aanaa Federaalaan itti kenname harkaa itti gaafatama fudhachuu isaa beeksisee jira.

Itti gaafatamaan hawaasichaa kan yeroo obbo Geetaachoo Kalaayuu VOAf akka ibsanitti boordichi Hagaya 4 bara 2023 murtii manni murtee dabarseen itti gaafatama isaa fi aangoo bulchiinsaa abbootii hawaasichaaf dabarsee kennee jira. Manni murtii federaalaa Itiyoophiyaa waldaa wal gargaarsa Tigraay, waldaa misooma Tigraay, dhaabbata meeshaalee mana maxxansaa Meegaa fi dhaabolii Tigraay ka biroo sadii irra uggura kaa’amee ture kaasee jira.

Waldaa Misooma Tigraayiif itti gaafatamaan seeraa kan ta’an obbo Haayilamaariyaam Solomoon akka jedhanitti murtiin manni murtii olaanaa federaalaa dabarse, waldichi hojii namoomaa isaa bifa guutuu dhaan akka eegaluuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen kun miseensota dhaabbilee daldalaa EFFORT jedhamuu miti jechuu dhaan Gerbire Mikaa’el Gebiremedin gabaaseera.