Tigiraay Keessatti Duulli Talaalii fi Tajaajilawwan Fayyaa Biroo Guyyoota Kudhaniif Geggeessame Torban Dabre Xumurame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Biiroon Fayyaa Naannoo Tigiraay duula talaalii guyyoottan kudhaaniif taasiseen ijoollewanii fi haadholee kumaatamaan lakkawamaniif taajaajila kennuu isaa beeksisee jira.

Talaalii farra-KOOVID dabalee, tallaaliwwan idileen sababaa waraansa naannicha keessa tureen addaan-citanii turan, keessumaa ijoolleef kennamuu isaa beeksise, Biiroon fayyaa naannichaa. Haadhotaa fi durbootaaf qorannaan dhukkuba Fistullaa fi dhukuboota taasisamee jira, jedha.