Saaminsi fi Butinsi kan Keessatti Heddummaate Magaalaa Hawaasaa Keessatti Motumman Qajeelfama Ittiin Kaameeraan Eegumsaa Dhaabamu Baase 

  • VOA

FAAYILII - Marfata Summuudaa, Magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Magaalaa Hawwaasaatti manneen daldalaa fi tajaajila kennitoonni Kaameeraa akka fayyadaman seerri dirqisiisu ba’uu isaa Biroon nageenyaa fi tasgabii beeksiise. Kunis kaameeraa nageenyaa lafa hojiitrti hidhachuu kan dirqisiisu seerri haaraan ba’uun akka Itiyoophiyaatti isa jlaqabaatis jedhameera.

Magaalaa Hawaasaatti Motor Saayikilii ykn Doqdoqqee fi Konkolaataa miilla sadii Bajaajii fayyadamuun nama ukkaamsuu fi qabeenyaa namaarraa butanii baduun baay’achaa dhufuun yaaddoo jiraattootaa ta’eeras jedhame. Kana malees wal falmii qabeenya harkaa butuuf yeroo taasifamuu fi qabeenya koo dabarsee hin kennuu gidduutti namoonni qaamaa miidhanaillee hedduun magaalittii keessatti baay’ataniirus jedhameera.

Hooggantoonni dhaabbilee daldalaa seerri Kaameeraa hidhuu jedhu dhufuu kan deeggaran ta’uu himanii garuu yeroon nuuf kenname ga’aa miti jechuun ssagalee Ameerikaatti himaniiru jechuun Hawaasaarraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.