Biyyoonni Gama Lixaa Raashiyaarra Uggura Kaa’aniyyuu Hidhata Dhaabbta Ishee Waliin Qaban Dhaabuu Hin Dandeenye

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwattee booda, biyyotiin addunyaa gama Lixaa boba’aa Raashiyaa irraa bituu dhaabanii jiran. Kanaadhaan dhaabbata Niyuukilaraa Raashiyaarratti qoqqobbii gootee jirti. Yunaayitid Isteetis ji’a Ebla darbe keessaa tarkaanfii wal fakkaataa Raashiyaa irratti fudhatte.

Haata’u malee biyyoottan addunyaa gama Lixaa ammayyuu dhaabbata Raashiyaa boba’aa humna niyuukilaraaf oolu omishu ka Rosaatoom jedhamu waliin hidhata qaban adda kutuu hin dandeenye.