Giddugala Namoonni Daandii Irra Bulan Keessa Qubatan Keessatti Lubbuun Namootaa Darbuu Komiishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Beeksise

  • VOA

FAAYILII - Magaala Finfinnee

Magaalaa Finfinnee waaltaa kanneen daandii irra bulaniif namoonni gargaarsa hin qabaanne keessa jiraatan kan Galaan jiru keessatti namooni sadii du’uu isaanii fi kanneen 190 ta’an immoo dhukkubsatanii wal’aanamaa jiraachuu komiishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa kaleessa baaseen beeksisee jira. Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 4, 2016. Ibsa baaseen keessatti iddoowwan biroo, iddoo tursiisaa/bakka yeroo baay'ee "Gelan Awash Sidaamoo" jedhamuun beekamu, Aanaa Sida Awaash Magaalaa Sheger, bakka namoonni daandii irra jiraatan keessa qubatan daawwachuu dhaan hordoffii gochaa jiraachuun isaa beeksiseera.

Kana malees, qindeessitootaa fi miseensota poolisii Addis Ababa kanneen wiirtuu tursiisaa eegaa turan, ogeessota fayyaa bakka sanatti tajaajila yaalaa kennan, akkasumas qondaaltotaa fi ogeeyyii Hospitaala Tirunesh Beijing tajaajila yaalaa dabalataa kennaa turan qunnamuun walitti qabamaniiru odeeffannoo fi ragaa barbaachisaa walitti qabuu isaa komiishinichi beeksisee jira.

Daayiriktera qorannoo fi qajeelcha hordoffii naannoo kan komiishinichaa kan ta’an aadde Selaamaawiit Girmaay VOAf akka ibsanitti waaltaan sun meeshaalee tajaajila bu’uuraa fi tajaajila biroo waan hin qabaanneef, sababaa kanaan namoonni achi keessa jiraatan rakkoo nageenya adda addaaf saaxilamaniiru jedhan.

Daayirikterittiin kun akka ibsanitti kaan isaanii fedha isaanii malee achi keessa akka tursiisaman komiishinichaaf gabaasaniiru jedhan. Yeroo ammaa waaltaan kun namoota daandii irra jiraatan 1500tti hedaman keessummeessa kan jedhan aadde Selaamaawiit Girmaay, mootummaan mirga isaanii bu’uuraa akka kabajuuf gaafataniiru. Waaltaa kana keessa kanneen jiraatan oolmaa fi bultii isaanii daandii irra kan godhatan daa’imman dubartootaa fi maanguddoota akkasumas kanneen qaamaa hir’uu ta’antu keessatti argama.

Komiishineriin komishinichaa Daani’el Beqqelee kaleessa ergaa dabarsaniin, dhimmi ijoollee daandii irra bulanii fi lammiiwwan mana jireenyaa hin qabaannee furmaata waariinsa qabu akka isa barbaachisu cimsanii dubbataniiru.