Maqalee Keessatti Oduu Gabaastonni Sadii Hidhamanii Akka Turan CPJ Himatee Jira

  • VOA

Poolisiin bulchiinsa naannoo Tigiraay hiriira mormitootaa gaggeeffamee gabaasuuf oduu gabaastoota bobba’anii turan sadii reebee hidhee jechuun, Koreen mirga Gaazexeessitootaaf falmu (CPJ)n himatee jira.

Kunis kan mudate Adoolessa 7 magaalaa guddoo Tigraay Maqalee keessatti yeroo hiriira mormitootaa aanga'oota yeroo naannoon dhorkamee ture waraabanitti, akka ta'e ibsa gareen bilisummaa pireesii to'atu Kamisa darbe baaseen beeksiseera.

Oduu toora interneetii irraa- Yabele Midiyaaf oduu gabaasaa kan ta’e Teshager Tsigab, bu’ursaa fi oduu gabaasaa Ayaam Midiyaa kan ta’an Mehari Kahsay fi Mehari Selemon CPJ ti akka himaniitti, qondaaltota yunifoormii uffataniin, akka dhaabbatan erga ta’e booda, ulee fi funyoo elektirikiitiin reebaman.

Bakka bu’aan CPJ kan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii Muthoki Mumo, “Reebichi fi hidhamuun gaazexeessitoota sadan kanaa, aanga’oonni Tigraay rippoortaroonni dhimmoota murteessoo ta’an akka gabaasaniif fedhii akka hin qabne ergaa rifaasisaa dabarseera,” jedhan.

"Bulchiinsi yeroo kan naannoo haala uumamee kana kana qorachuu, qondaaltota itti gaafatamummaa jala galchuu, akkasumas preesiin mormii mormitootaa fi sagalee kanneen yaada isaanii, haaloo ba'uu tokko malee gabaasuu akka danda'u wabii kennuu qaba."jedhan.

Meharii Kahsaayii fi Mahaarii solomoon wabiin guyyaa lama booda Fulbaana 9 gadhiifamuu isaanii CPJ tti himaniiru.Teshaagar garu Fulbaana 11 gadhiifamuun beekamee jira.