Naannoo Gambeellaa Aanaalee Lama Keessaa Namoonni Kuma Shanii Ol Balaa Lolaatiin Manaa fi Qehee Ofiirraa Buqqa’an  

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Gaambellaa Aanolee Jikaawoo fi Laaree keessaa, namootni kuma 5 caalan, balaa lolaatiin kaleessa qe'eesaaniirraa buqqaasaman jechuun Mootummaan Naannichaa beeksiseera. Naannichatti torbanoota lamaan keessa namootni kuma 30 ol sababaa lolaatiin qe'eesaaniirraa buqqaasamanii mana amantaa kiristaanaa, masgiidaa fi manneen barnootaa keessatti akka argaman, bakka bu'aan Pireezidaantii fi hoogganaa itti-aanaan Biiroo Nagaafi Tasgabbii naannichaa Obbo Umood Umood Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.