Walitti-Bu'insa Naannoo Amaaraa Keessa Jirurraa Kan Ka'e Induustriileen Hedduun Hojii Dhaabuu Mootummaan Naannichaa Beeksise  

  • VOA

FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naanoo Amaaraa.

Naannoo Amaaraa keessatti ji’a Hagayyaa darbee kaasee waliti bu’insaa adeemaa jiruun kan ka’ee, dhaabbileen homishaa ykn Industiriiwwaan hedduun hojii dhaabuu isaaniitiin kan ka’ee namootan heduun rakkinaaf saaxilamuun isaanii ibsameera.

Walti bu’insa kana hordofuudhaan godinaa bahaa fi lixa naanichaa akkasumas industiriiwwan magaalaa Debre Birhaan keessaa jiran 1216 ta’an hojii alaa akka ta’an beekameera.

Naannoo bulchiinsa Amaaratti itti gaafatamaa biiroo Industirii fi Inveestimentii kan ta’an obbo Idiris Abduu Sagalee Amerikaatti akka himanitti, dhaabileewwan homishaa kan hojii isaanii dhaaban sababa cufiinsaa karaa akkasumasi sababa cufamuu bilbilaafi Interneetaatin akka ta’e dubbataniiru.

Akkasumas ji’a hagayyaa darbe keessaa walti bu’insaa tureen walqabatee naannoo magaala Baahirdaaritti kan argaman jarmiyaaleen homishaa Abaaboo, kan Kuduraa fi muduraa, akkasumas kan horsiisaa beeladootaa 18 waan mancaa’aniif hojjattonni kuma Tokkoo fi 600 ol ta’an hojiidhaa ala ta’anii jiru.

Obbo Idiris Abduu akka dabalanii ibsanitti , nageenyii naanichaa deebi’ee tasgabaa’u baannaan rakkinni caala cimaan naannicha muudachuu danda’a.

Dhiheenyaa kana Bulchaa naanichaa ta’uudhaan aangoo kan qabatan obbo Aregaa Kebedee,ibsaa tamsaasa televijiinii naannichaatiif tibbana kennaaniin sochiin hidhannoo naannichaa keessatti taasifamaa jiru jiraatootaa naannichaa rakkinaa caalaa keessa waan galchuuf gareewwann ummata naannichaatiif quuqama qanba jedhan hunduu nageenyaa waaraa buusudhaaf akka hojjatan waamicha dhiheesuu isanii Asteer Misgaanaawu Baahirdaar irraa gabaastee jirti.