Lammiwwan Itiyoophiyaa saa'uudii Arabiyaa keessatti adaba hidhaa irratti muramee xumuran , gara biyya keenyaatti deebi'uu waan hin dandeenyeef jecha , amma iyyu hidhaa keessatti dararaa guddaaf saaxilamnee jirra jechuun Raadiyoo Sagalee Amerikaatti himan.
Soda nageenyaaf jecha akka maqaan isaanii hin ibsamnee kanneen gaafatan kun waggaa tokkoo qabee hanga waggaa kudhanii mana hidhaa Saa’uudii keessa turuun adaba isaanii kanneen xumuuran ta’u ibsanii mootummaan Itiyoophiyaa gara biyya isaanti deebisuu waan hin dandeenyeef jecha amma iyyu mana hidhaa keessa jirra jedhu. Mana hidhaa Shimeeyyis jedhamu keessa amma iyyu lammiwwan Itiyoophiyaa 50,000 akka jiran kanneen adba hidhaa itti muramee xumuuranii biyyatti deebi’uuf eeggataa jiran 300 taana jedhu.
Ministriin haajaa ala agama isaan, kanneen saa’uudii Arabiyaa keessattia adaba hidhaa itti muramee xumuuraniif yeroof iddoo keessa turan kennameef, hojiin biyyatti deebisuu yeroo gabaabaa keessatti jalqabama jedhee jira.
Kanneen adba hidhaa itti muramee hin xumurree garu seera biyya keessa jiraniitu murteessaa jechuu isaa, Gabra Mikaa’eel Gabra Madiin Finfinnee irraa gabaasee jira.