Loltoota Duraanii Dhaabuu fi Hawaasati Makuuf Qarshii Miliyoona 800 Kan Isa Barbaachisu Tahuu Komiishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Beeksise 

  • VOA

FAAYILII - Loltoota Itoophiyaa booji'aman, Maqalee, Adoolessa 2, 2021.

Komiishinni haaromsa biyyoolessaa Itiyoophiyaa biyyattii keessatti kan argaman qabsaa’ota duraanii kuma 371 deebisee dhaabuuf qarshii miliyoonni 800 kan isa barbaachisu ta’uu beeksise. Bajati duraan tilmaamame doolaara miliyoona 554 ture. Komiishinichatti daayirikterri kominikeeshinii fi wal ta’iinsa sadarkaa addunyaa obbo Li’ul Segged Belaayineh VOAf akka ibsanitti, waajjirri isaanii dhalattoota Tigraay kuma 200tti hedaman dabalatee naannolee saddeeti irraa kan walitti dhufan loltoota duraanii deebisanii dhaabuu fi hawaasatti makuuf karoorfate.

Akka daayirikterichi jedhanitti mootummaan Itiyoophiyaa maallaqa kana hanga dhibba irraa harka 20% waadaa kan seene yoo ta’u inni hafe immoo hawaasa addunyaa biraa eegama jedhan. Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessaa hammaatee yoo itti fufe, hojii komiishinichi raawwachuuf jiru irratti dhiibbaa akka qabaatu Li’uulsegged akeekkachiisaniiru.