Dhimma Israa’el Irratti Bulchiinsi Prezidaant Mohammud Abbaas Akka Ejjennoo Cimaa Qabaatu Falasxiinonni West Baank Dhiibbaa Gochaa Jiru

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Dhimma Israa’el Irratti Bulchiinsi Prezidaant Mohammud Abbaas Akka Ejjennoo Cimaa Qabaatu Falasxiinonni West Baank Dhiibbaa Gochaa Jiru

Yeroo wal-waraasi Isiraa’elii fi garee Falastiin kan Yunaayitid Isteetis shororkeessummaatti farrajje Hamaas gidduutti taasisamu Gaazaa keessatti itti fufee jiru kanatti, West Baank keessatti immoo lammileen Falasxiin bulchiinsa prezidaant Mahammud Abbaas irratti gaaffii kaasaa jiran.

Prezidaant Abbaasii fi bulchiinsi Falastiin isaaniin hogganamu inni West Baank keessa jiru dhimma Isiraa’el irratti ejjennoo cimaa falmiirratti hundaa’ee qabaachuu qaban, jechuun dhiibbaa gochaa jiru, lammiileen Falasxiin West Baank keessaa.