Mogas Tafarraa: Dargaggoo Xayyaara Nama Tokko Baatu Hojjetaa Jiru

Your browser doesn’t support HTML5

Mogas Tafarraa: Dargaggoo Xayyaara Nama Tokko Baatu Hojjetaa Jiru

Godina Shawaa lixaa Aanaa Liiban Jaawwii Magaalaa Baabbichaa keessa jiraata, Mogas Tafarraa. Barnootni isaa saayinsii hawaasaa taheyyuu ijoollummaa isaatii eegalee xiyyaara balaliisuuf hawwii qabaachaa akka ture Sagalee Ameerikaatti hime. Hawwii isaa kana dhugoomsuuf muratee ka’ee xayyaara nama tokko baattu hojjechuu akka jalqabe dubbata. Deemsa kana irratti didhaalee isa mudatanii fi milkaa’ina isaa ibsee jira.