Dhumiinsaa Ruwaandaa keessatti raawwateen walqabatee namoottan ajaja mana murtii adduunyaatiin barbaadamaa turaan keesaa tokko kan ta’ee du’uu isaa abbaan alaangaa dhaabbata mootumootaa gamtoomani mirkaneesee jira.
Bara 1994 walwaraansaa guyoottan 100 fi Ruwaandaa keessa tureen walqabatee namoottan mana murtii yakkaa adduunyaa irratti akka dhihaatan barbaadamaa turaan keessaa tokko kan ta’e Alooyis Nidiimbaati du’u isaa akka mirkaaneffatee kan ibsee abbaan alangaagaa mana murtii Adduunyaa, Nidiimbaatin kan du’ee baraa 1997 achuma Ruwaandaa keessatti akka ta’e beeksiseera.
Bara 1994 haanga’aa mootummaa akka ture kan ibsamee Nidiimbaatin gareewwan isaa gurmesuudhanaa lammilee saba Tutisii kumaan lakkawaman irratti ajjeechaa raawwatamee hogganuu isaatiin himatamuu isaa kan ibsee abbaan alaagaa mana murtii adduunyaa erga duuti Nidiimbaati mirkanaa’ee boodaa lakkoofsii namoottan yakka dhumiinsaa sanaan walqabatee barbaadamaa jiran lama qofa akka ta’u taasisee jira.
Manni murtii mootummoota gamtoomanii inni dhimmaa yakka waraanaa Ruwaandaa fi Yugozlaaviyaa keessatti raawwataman ilaaluu Ze Heeg- Neezerlaandii fi Aruushaa Taanzaaniyaa keessaa akka dhadacha qabu ni beekama.
Baraa 1994 Ruwaandaa keessattii lola lammiilee Huttuu fi Tutsii giduutti guyyoottan 100f taasifameen lubuun namoottan kuma 800 darbuun isaa ni yaadatama.