Shawaa Lixaatti Namoota Dhibee Moora Ijaa “Kaatarakt” Jedhamu Qabaniif Wal’aansi Tolaa Taasisamee Jira

Your browser doesn’t support HTML5

Shawaa Lixaatti Namoota Dhibee Moora Ijaa “Kaatarakt” Jedhamu Qabaniif Wal’aansi Tolaa Taasisamee Jira

Sadarkaa addunyaatti namootni dhibee ijaan wal qabatee qaroo ija isaanii akka dhaban sababaalee taasisan keessaa inni olaanaan moora ijaa tahuu Qorannoon dhiyeenyatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa WHO tiin taasisame mirkaneessee jira. Kanumaan walqabatee, Godina Shawaa Lixaatti, hubaatii moorri ijaa hawaasa irraan gahu hir’isuuf tibbana, namoota rakkoo kanaaf saaxilamaniif tajaajilli baqaqsanii yaaluu ijaa kaffaltii malee yokaan tola taasisamee jira. Hospiaatala Ginciittis namoota tajaajila kana argataniifi ogeessota itti hirmaatan keessaa dubbisuun Naakoor Malkaa qophii qindeesse dhiheessina.