Israa’elii fi Hamas gidduutti guyyoota afuriif waraana dhaabuun akka lakkoobsa biyyaatitti, jimaata har’a ganamaa kaasee hojiirra kan oole yoo ta’u, itti aansuunis namoota Hamaasiin booji’amanii kurnootaan lakkaa’amanii fi Falasxiinota 150 Israa’eliin qabaman ni gadhiifamu jedhamee eegama.
Waliigaleen tolfamee kun Gaazaa kaabaa fi kibbaa keessatti dhukaasa dhaabiinsa walii galaa kan of-keessaa qabu ta’uu dubbi himaa kan ta’an Majed Al-Ansari duraan Dohaa keessatti gaazexeessitootatti himanii turan.
Akka waliigaltee kanaatti dubartoonni fi daa’imman 50 kanneen Hamaasiin Onkoloolessa 7 Israa’el irraa butaman kan gadhiifamuuf jiran yoo ta’u, Dubartoota fi daa’imman Falasxiinotaa 150 Israa’el keessatti hidhaman jijjiirraan ni hiikamu.
Booji’amtonni guyyaa dhukaasa dhaabuu hunda kessatti, hanga namoonni 50 bilisa ba’anitti ni gadhiifamu.
“Hundi keenya waliigalteen kun, walii galtee waaraa ykn dhaabbataa ta’e galmaan ga’uuf, hojii bal’aa jalqabuuf carraa akka argamsiisu abdii qabna,” jedhan Al-Ansariin.
Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattah el-Sissi waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamaas gidduutti raawwatame Kamisa kaleessaa galateeffatanii jiru.
Masriin yeroo baayyee gareewwan wal waraanan giddutti nagaa buusuuf carraaqxu kun, erga walitti bu’iinsii ammaa kun Onkoloolessa 7 jalqabee as dhukaasa dhaabinsii