Dargaggoo Qaamaa Miidhamaa Daakaadhaan Dorgommii Paarliimpikiitti Hirmaachuuf Carraaqaa Jiru

Your browser doesn’t support HTML5

Dargaggoo Qaamaa Miidhamaa Daakaadhaan Dorgommii Paarliimpikiitti Hirmaachuuf Carraaqaa Jiru

Ballaxa Tasfaayee magaalaa Amboo keessa jiraata. Barataa kutaa 8ffaati. Miidhamni qaamaa miidhama sammuu miti jedha. Miila dhabuu fi harka isaarra hir’iinni jiraachuurra dabruudhaan gosa ispoortii bishaan daakaatti akka hirmaataa jiru Sagalee Ameerikaatti hime. "Kaayyoon koo dorgommii paaralimpikii bishaan daakaatiin beekamee biyyakoos waamsisuudha" jedha Ballaxaan.