Lola dhaabinsi yeroo Israa’elii fi Hamaas gidduu roobii har’aa guyyoota ja’affaa yoo lakkoofsisu, gam lamaan iggitamtootaa fi hidhamtoota itti dabalaa akka hiikan abdatamaa ennaa jiranitti kanneen jaarsummaan jidduu seenan walii galteen kun yeroon isaa akka dheeratu dhiibbaa gochaa jiran.
Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Roobii har’aa akka dubbatanitti, “walii galteen lola dhaabinsaa kun akka tolfamu kan barbaanneef inni duraa, kanneen iggitaman akka gad dhiisamanii gara qe’ee ofiitti akka deebi’anii fi maatii isaanii waliin akka wal argan waan godheef jecha, akkasumas uummata Gaazaa kan akkaan isaan barbaachisuuf gargaarsa namoomaa akka ittiin geenyu nutaasiseera” jedhan.
Biliinken angawoota Israa’elii fi Faalisxiin dhimma duula waraanaa Israa’el, lubbuu siivilotaa kanneen Gaazaa keessaaf eegumsa gochuu akkasumas dhiyeessii gargaarsa namoomaa akka saffisu gochuuf jecha gara naannoo sanaatti imaluuf jedhu.
Walii galteen lola dhaabinsaa Israa’elii fi Hamaasi gidduu, Israa’el duula garee hidhattoota Hamaas dhabamsiisuu eegalte guyyoota afuriif akka dhaabdu gaafate. Hamaas ji’a darbe haleellaa Israa’el irratti raawwateen kan booji’e iggitamtoota 50 , Israa’el immoo lammiiwwan Faalisxiin 150 akka gad-dhiistu ture. Lolli kun dhaabachuun gargaarsi namoomaa itti dabalaa dugdee Gaazaa akka dhaqqabu taasisee jira.
Lola dhaabinsi guyyaa lamaa kan itti dabalameef, Hamaas guyyaatti iggitamtoota itti dabala 10 akka gad dhiisu, Israa’elis hidhamtoota itti dabalaa akka gad dhiistuuf jecha. Waraanni Israa’el akka jedhetti iggitamtoonni 12 kanneen Gaazaa keessa turan, lammiiwwan Israa’el 10 fi lammiiwwan biyya alaa lama gad-dhiisamuu marsaa boodanaan Kibxata galgala gara Israa’elitti ergamaniiru. Deebii kanaas Israa’el, hidhamtoota lammiiwwan Faalisxiin 30, dubartoota 30 fi ijoollee dhiiraa 15 mana hidhaa West Ban fi waaltaa namoonni itti hidhaman kan Jerusaaleem keessaa gad dhiisuu ishee gareen dhimma hidhamtootaa Faalisxiin beeksisee jira.
Lola dhaabnsi kun guyyoota ja’aaf haleellaa Israa’el samii irraan geggeessaa turteef lola lafoo Hamaas geggeessaa tureen booda yeroo jalqabaaf Gaazaan calliinsaan oolte.