Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Gondar Kaabaa keessa kan jiran aanaalee sadii keessatti, caama bara omiishaa 2015-2016 mudateen namoonni 4 dabalataan du’u Yunivarsitiin Dabaaq beeksisee jira.
Yunivarsitiin kun aanaalee Jaan Amoraa, Yaddaa fi xallamt keessatti qorannaa baatii tokko caalaaf gaggeessee jedheen, caama waliin wal qabatee baatii tokko dura namoonni 32 du’uu aangawoonni nananoo ibsaniiru jedhe.
Qorannaa ofii gaggeesseen immoo, lakkoobsii namoota du’anii 36 ga’u walitti qabaa garee qorannaa Yunivarsitichaa kan ta’an Proofeesar Amsaalu Abajjee sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Ba’iin qorannoo gaggeeffame akka agarsiisuutti, aanaalee sadeen keessa kan jiran gandeen 37 keessatti namaan alattis beeleedaaleen 72,000 ol du’aniiru.Namoonni 107,000 ol immoo gargaarsii nyaataa kan guyyuu guyyuu akka isaan barbaachiisu ibsamee jira.
Gargaarsii haga ammaatti gara naannoo sanaatti geeffame ga’aa akka hin taanee kan ibsan professor Amsaaluun ibsanii, gandee harka caalaan geejibaaf mijataa waan hin taanfeef jecha, daakuu furnoo kilo 15 fudhachuuf hanga sa’atii 12 lafoo deemuu. Kanaafis miidhaan dhaqqabu guddaa akka ta’u taasosee jedhan.
Caama mudateen Waan facaafamee irraa oomishnii argamuu dhabamuu isaan, akkasumas beeleedaaleen dumuu isaaniin, kanneen naannoo rakkisaa akkasii keessa jiraatan, waggaa guutuu gargaarsii akka isaan barbaachisu qorannaan kun ibsee jira.
Dhaabbatti gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa (OCHAn) torban dabree gabaasa baaseen, bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti, rakkoon wabii nyaataa uummata isaan mudatee Miliyoona 2.8 keessaa, mootummaa biraa deebii kan argatan 100 keessaa harka 25 qofa ta’u ibsee jira jechhu gabaasuu isaa Asteer MisgaanaawBaahir Daar irraa gabaastee jirti.