Sababaa Wal-Waraansa Tigraay Keessa Tureen Kanneen Hojii Ramaddii Dhaban Poolisoonni Tigiraay 1000 Ol Hojiitti Hin Deebi'iin Jiru Jedhame

  • VOA

Map showing the Tigray region of Ethiopia.

Mootummaan Feedeeraalaa fi bulchiinsii yeroo kan Tigraay, wal waraansa Itiyoophiyaa kaabaa keessa tureen kan ka’e hojii irraa kan baafaman polisoots dhalattoota Tigraay kanneen kuma tokkoo ol ta’an, hojii isaanii ramadditti akka hin deebisiin jiran dhaabatii mirga namoomaaf falmu kan Itiyoophiyaa , Hiyumaan Raayitis fariist jedhau beeksisee jira.

Wal waraansa Tigraay keessatti gaggeeffame sana dura, miseensoota dhaabbattoota polisii Finfinnee fi Feedeeraalaa turan ittiin jedhe kun, haala isaanii ilaalchisee hordoffii gochuun gabaasa baasuu isaa ibsee jira.

Miseensoonni polisii kunneen maatii isaaniis dabalatee mindaan baafamuuf waan hin jirreef jecha, rakkoo adda addaaf saaxilamuu akkasumas, dhiittaa mirga namoomaaf saaxilamuu isaanii ibsee, akka walii galtee Priitooriyaa keessatti tolfameetti, gam lameen polisoota kana, hojii ramaddii isaaniitti akka deebisan waamicha dhiyeessee jira.

Gabaasa dhiyaatee ilaalchisee Gaazexxessootaaf ibsa kan kennan, Daayreekteerri itti aanaan dhaabata kanaa, Obbo Mabriih Birhaana, mootummaan kana hin raawwachiisuu taanaa, dhaabatii isaanii dhimma kana gara mana murtii tti akka geessuu ibsaniiru.

Dhimma kana ilaalchisee sagaleen Amerikaa bulchiinsa yeroo kan Tigraay, waajiira polisii Finfinnee fi Feedeeraalaa irraa deebii ykn yaada argachuuf jecha yaaliin taasisee har’af hin milkoofne, argannaan fudhannee dhiyaanna jechuun Gabra Mikaa’el Gabra Madhiin Finfinnee irraa gabaasee jira.