Godinaa Horroo Guduruu, Aanaa Amuruutti, Hidhattoonni Namoota Nagaa 13 Ajjeesan, Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaa Horroo Guduruu, Aanaa Amuruutti, Hidhattoonni Namoota Nagaa 13 Ajjeesan, Jedhame

Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu ganda Jooj keessatti "hidhattootni Faannoo haleellaa raawwataniin kaleessa namoota 13 ajjeesan" jedhan Bulchaan ganda Jooj, Obbo Siisaay Abbawaa.

Kanneen ijaan argineerra, jedhan keessaas, " hidhattootni Faannoo godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu ganda Haroo jedhamu keessaa dhufaniitu namoota nagaa kanneen ajjeesan" jechuun dubbatan. Bulchiinsi Aanaa Kiiramuu gama isaan, " hidhattootni Faannoo aanicha keessatti buufata waraanaa qabu" erga jedheen booda, " aanaa Amuruu keessatti ajjeechaa raawwachuufi raawwachuu dhabuu isaanii garuu, waanan mirkaneeffadhe hin qabu,” jedhan.