Naannoo Oromiyaa  Bakkawwan Rakkoon Nageenyaa Jirutti Tatamsa’ina Dhibee Busaa Ittisuuf Hojii Hojjetamutti Danqaan Uumamuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti mul’achaa jiru tatamsa’ina dhibee busaa ittisuuf taasifamuuf danqaa ta'uu biiroon fayyaa Oromiyaa ibsee jira.Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Itti Gaafatamaan dursaa garee dhabamsiisa dhibee busaa obbo Jawaar “Bakkawwan tokko tokko qaqqabuuu irratti haalli nageenyaa rakkisaa ta'uus biiroon keenya tooftaa adda addaatiin Hawasa bira gahuuf hojjechaa jira” jechuun Sagalee Ameerikaatti himan.

Jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda addaas gama isaaniin akdhibeen busaa kun daranuu hammaate dubbatu. Dhaabbatni qindeessa gargaarsaa ka Tokkumma Mootummootaa UNOCHAn akka gabaasetti namoota Itiyoophiyaa dhibee busaan qabaman keessaa dhibbeentaan 50 Oromiyaadha, jedhee jira.