Loltoonni Mootummaa Itiyoophiyaa Duraanii Sudaan Keessa Jiran Nageenya Isaaniif Akka Yaaddoo Qaban Himatan 

  • VOA

UN

Loltoonni lakkoofsii isaanii 248 ta’u fi dhalatootaa saba Tigraay ta’an waldhabdee mootummaa Sudaan kibbaa fi mootummaa Sudaan gidduutti taasifamaa ture tasgabeesuuf jechaa miseensota waraana naga eegdotaa mootumootaa gamtoomanii ta’uundhaan bakka Abiyee jedhamee beekamu keesatti bobba’anii kan turaniidha.

Yemmuu walwaraansii mootummaa feederaalaa Ityoophiyaa fi ABUT giduutti jalqabamee yoo biyyatti deebine mootummaan nu hidhuu danda’a jechuudhaan Sudaan keessa turuudhaaf kanneen murteesaniidha.

Miseensonni waraanaa kun akka sagalee Amerikaatti himanitti haalii nageenyaa yeroo amma bakka isaan qubatanii jiran jiru waan yaaddessa ta’eef, dhaabbanni mootumoota gamtoomanii, dhimma baqattootaa irratti hojjatu UNHCR akka gara biyyaa Afrikaa biratti isaan dabarsuu gaafatanii jiru.

Yaaddoon loltoonni kun qaban yaaddoo isaa akka ta’e kan ibse UNIHCR, biyyaa Afrikaa biraatti isaan dabarsanii qubachiisuuf aangoo akka hin qabne beeksisee jira.

Waa’ee biyyatti deebi’uu irratti kan gaafatamanii loltoonni kun, yoo biyyatti deebi’an mootummaan Ityoophiyaa biyya gantanittu jechuudhaan nu himachuu danda’a soda jedhu akka qaban ibsanii, mootummaan wabii keniinaaniif garuu akka biyyaa isaanitti deebi’uu barbaadan ibsuun isaanii gabaasameera.